Ticker

6/recent/ticker-posts

Raashiyaan misaayiliin magaalota Yuukireen haleelaa wayita jirtu Zeleniskiin Garee G7tti dubbatuufi

 Pireezidantii Yuukireen Volodomiir Zeleniskiin garee biyyoota dinagdeen badhaadhaan G7 tti wayita dubbatanitti meeshaalee waraanaa gurguddoo dabalataan akka dhiyaatuuf  gaafatu jedhameetu eegama.

Raashiyaan Sanbattan lamaan darban  magaalaa guddoo Yuukireen Kiiv fi iddoowwan biroo haleeluun  yoo xiqqaate nama tokko ajjeeste.

Baha Yuukireenitti Raashiyaan magaalaa Severodoneskii guutummaatti to’achuun magalaa itti dhiyaattee argamtu Lisichaaniski to’achuu irratti xiyyeeffattetti.

Sambata darbe Zeleniskiin’’ meeshaalee waraanaa nuuf dhiyeessuurraa dubbatti harkifachuun Raashiyaan irra deddeebitee nu haleeltu affeerudha,’’ jedhanii turan.

Dhaamsa idileen  guyyaa guyyaan karaa viidiyoo dabarsan irratti meeshaalee waraanaa haleellaa xiyyaaraa qolachuu oolan akka dhiyeefamuuf gaafachuun maddiitti qoqqobbiin haaraan Raashiyaarra akka kaa’amu gaafatan.

"Biyyoonni michuu yoo michuu taatan saffisaan tarkaanfachuu qabdu, daawwata ta’u hin qabdani,’’ jedhan.

Yaa’ii garee biyyoota diinagdeen badhaadhan torbaa G7 irratti  dhimmi Yukireen ajandaa ijoo yoo ta’u,  biyyoonni kunneen qoqqobbii dabalataa Mooskoorra kaa’uun, Yuukireeniif immoo meeshaalee waraanaa dhiyeessuu waadaa seenu jedhameetu eegama.

Hoggantoonni biyyoota Lixaa tokkummaa isaanii mul’isuuf kan yaalaa jiran  yoo ta’u, Chaansilarri Jarman Olaaf Sholtiz ‘’ Raashiyaan haleellaa misaayila raawwachuun tokkummaan waliin dhaabbachuu fi Yuukireen deeggaruun sirrii ta’uu  agariisa,’’ jedhan.

Hogganoota biyyoota G7

MADDA SUURAA,EPA

Sana dura Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden, pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin NATO fi G7'n akka  gargar diigamu barbaadee ture garuu  "nuti hin diigamne, hi diigamnus," jedhan.

Gabaasaan BBC kan dhimma dippiloomasii Jeemsi Landale kan iddoo walgahichi gaggeefamutti argame torban as aanaan tokkummaan biyyootni Lixa dhimma waraana Yukireen irratti qaban laafeera, hoggantoonni biyyootaa muraasni  hariiroon yeroo dheeraaf Raashiyaa waliin qaban  akkam ta’uu akka qaburratti mariyatan, kaan isaanii Yukireeniif deeggarsa cimaa fi yeroo dheeraaf turu akka taasisan himan.

Walgahii garee biyyoota 7 Bavariyaa, Jarmanitti taa’amaa jiru booda  walgahiin NATO xumura torban kanaatti kan taa’amu yoo ta’u Pirezedanti Zeleniskiin  haasaa akka godhanitu eegama.

Post a Comment

0 Comments