Ticker

6/recent/ticker-posts

GARAA GOGSUU - Constipation

Garaa gogsuun (Chronic constipation) yeroo dheeraaf (torbaaanotaafii sanaa oliif) bobbaan turaa dhufuufi ykn yeroo bobbaa taa'an sagaraan bahuuf rakkisuudha. Wolumaa galatti Garaa gogsuun (Constipation) torbaan tokko keessatti yeroo sadihii gadiif bobbaaf ta'uu ykn torbaanitti yeroo sadihii oliif bobbaan nama dhufuu dhabuudha. Yeroo tokko tokko yeroo gabaabduuf Garaa gogsuun nama mudachuu danda'a; namoota tokko tokko ammoo yeroo dheeraaf irra turun hojii guyyaa-guyyaa isaanii irratti dhiibbaa gochuu danda'a. Akkasumas bobbaaf yoo taa'an sagaraa baasuuf jecha haalaa ol isaan ittansiisuu danda'a. --- --- Mallattoolee muldhatan: ¶ Torbaanitti yeroo sadihii gadii sagaraan bahu ¶ Sagaraan sun jabaatuu fi goguu ¶ Sagaraa baasuuf deddebi'anii ittanuu ¶ Akka waan mar'umaaan gara gadiitti wonti sagaraan akka hin baane dhoowwu jiruu wohiitti namatti dhagahamuu ¶ Erga bobbaaf ta'anii xumuran booda akka waan sagaraan garaa keessatti hafee jiruu namatti dhagahamuu ¶ Sagaraan bahuu didee isa baasuuf qubaan gadi harkisuu/ irraa gadi laaquu ykn garaa gara gadii gadi dhiibuun akka bahu xaaruu * Namni tokko Garaa Gogsuu Yeroo-Dheeraa (Chronic Constipation) qaba jechuuf mallattoolee asii olitti ibsaman keessaa lamaafi sanii ol turtii yeroo ji'a sadihiitiifi sani oliif qabaachuu qaba. --- --- Garaa gogsuu maal fa'atu fiduu danda'a: * Garaa-gogsuun yerooo hafteen bullayiinsa nyaataa ykn sagaraan mardhumaan keessa suuta deemu ykn mar'umaan guddaa gara-gadii keessaa halaan gara raasaa ykn alaa baafamuu dhabuun sagaraan sun jabaatee goguudha. Wontonni Garaa gogsuu fiduu danda'an: ¤ Mardhumaan guddaan sababa garagaraatiif hudhamuu ykn dhiphachuu ykn cufamuu ykn guduunfamuu ykn micciiramuu. Inni kun tasa sababa guduunfamuu mardhumaanii ta'uu mala (yeroo kana dhukkubbii garaafi mallatooleen biroos woliin ni jiraatu). Sababa Kaansarii mardhumaaniinis keessi mardhumaanii dhiphachuu mala. iitaa garaa keessatti uumamu ykn bahu kan mardhumaan irratti ulfaatu ykn fe'amee jiru irraas ta'uu mala. ¤ Rakkoo narviilee naannoo mar'uumaan guddaafi mar'umaan guddaa gara gadii jiran irraa. Rakkoon Inni kun maashaaleen mardhumaanii akka haalaan kontooffatanii sagaraa gadi hin dhiibne gochuu danda'.a. Akkasumas sababa dhukkuboota sirna narvii kan hojii qaamaa miidhan garagaraa irraas ta'uu danda'a ¤ Rakkoolee maashalee gara hidhaa (pelvic muscles) jiranii irraa. Maashaaleen kun yeroo namni bobbaaf taa'u laaffachuun, haalli dalagaa isaanii wolsimachuu dhabuu irraas ta'uu mala. ¤ Rakkoolee hormoonii irra. Hormoononni garagaraa madaala bishaan (dhangala'aa) qaamaa eeguu irraatti gahee qaban. Rakkoo kana irraas sagaraan goguu danda'a. Dhukkubni akka Sukkaraa, Dhukkuba xannacha Taayirooyidii hormooniin Taayirooyidi xiqqaatee akka oomishamu godhu. Akkasumas yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra muldhachuu danda'a. ¤ Yeroo tokko tokko qorannoon gahaan erga godhame boodallee sababa adda hin baaneen ykn sababa tokko malee Garaa-gogsuun muldhachuu danda'a. --- --- Wontoota carraa Garaa-gogsuu dabalan: ~ Maanguddumma (Umrii gara jaarsummaa) ~ Dhiira caalaa yeroo hedduu dubartii irratti muldhata ~ Nyaata 'Fiber' xiqqaa of keessaa qaban fayyadamuu. Fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuu. ~ Sosochii qaamaa (ykn ispoortii) gochuu dhabuu ~Qorichoonni dhukkuba sammuutiif kennamaniifi qorichoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif kennaman tokko tokko Garaa-gogsuuf nama saaxiluu danda'u. ~ Dhukkubaa Muukuu (Depression) fi rakkoolee haala soorataa tokko tokko qabaachuun wontoota carraa Garaa-gogsuu dabalaniidha. --- --- Xaxawwan Garaa-gogsuu irraa dhufan: - Kintaarotiif saaxilamuu - Gogaan haphiin qaccee iddoo bobbaan bahu jiru tarsa'uu ykn biinxamuu - Sagaraan garmalee gogee jabaatee mardhumaan guddaa keessa ol guutuun dhukkubbini hamaan akka namatti dhagahamu gochuu (Fecal impaction) - Yeroo dheeraaf ittanuun kun mardhumaan guddaan gara gadii jiru (rectum) iddoo bobban bahuun akka gara raasaa/ alaa gadi-bahuu ta'uun xaxaawwan Garaa-gogsuu yeroo dheraaf nama irra ture irraa dhufuu danda'aniidha. --- --- Garaa-gogsuu ofirraa hanbisuuf ykn hirdhisuuf maal haa goonu? ¥ Nyaata 'fiber' guddaa qabu fayyadamuu. Jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Nyaata akka foonii, killee, coomaa fi bu'aalee isaanii soorata keenya keessaa daran xiqqeessuu ykn yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu. ¥ Bishaan baay'isanii dhuguu (guyyaan litirii lamaafi sanaa ol) ¥ Sosochii qaamaa gochu. Ispoortii hojjachuu. ¥ Yeroma bobban nama dhufetti taa'uu. Dabarsuu dhabuu. ¥ Cinqaafii muukuu haguma danda'ameen of irraa hirdhisuu. * Yoo tooftaalee kanaan jijjirama hin qabaanne ta'e mana yaalaa deemuun qorannoo barbaachisu godhachuun qoricha fudhachuun barbaachisaadha.

Post a Comment

0 Comments