Ticker

6/recent/ticker-posts

HIR'INA VITAMIN B12

 HIR'INA VITAMIN B12


MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.
2. Sammuun daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.
3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)
4. Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yaalan ykn socho'an afuurri nama cituu.
5. Onneen daddafee fi humnaan dha'achuu.
6. Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir'isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu
7. Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa'uu) yokaan afaan nama gubuu.
8. Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.
AKKAMIIN NAMA QABAA?
1. Dhikkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn's disease fi kkf
2. Rakkoo dhukkuba hir'ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.
3. Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.
4. Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.
5. Umuriin baay'ee namoonni dullooman, yeroo baay'ee bu'aalee biqilootaa qofa nyaatan hir'ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.
VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka: -Hanqaaquu
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.
Hagi vitamin B12 aama keessaa yoo hedduu gadi bu'e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa'e fidhachuun dirqama.
"Fayyaan Faaya"
Via Dr. Gurmeessaa

Post a Comment

0 Comments