Ticker

6/recent/ticker-posts

Maareen-jaldeessaan Itoophiyaaf hangam yaaddoodhaa?



Maareen-jaldeessaa ykn 'monkeyfox' yoo xiqqaate biyyoota 13 keessatti namoota 90 ol irratti argamuu isaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) mirkaneesseera.

Dhibeen kun ballinaan kan mul'ate biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa keessattidha.

Wal tuttuquun kan daddarbu maareen-jaldeessaa kun COVID-19 waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'ullee biyyoonni akka Yunaayitid Kingidam "waan callisnee ilaallu miti" jechuudhaan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiru.

Dhibeen kun Itoophiyaaf yaaddoodhaa?

Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Daarektarri Hordoffiifi Deebii Kennuu Obbo Masfin Wosan maareen-jaldeessa ykn 'monkeyfox' Itoophiyaa keessatti mul'achuudhaaf "carraa guddaa qaba jenneetu yaadna" jechuun BBCtti himaniiru.

Daarektarichi humni weerara dhibee kanaafi karaa inni ittiin tatamsa'u dhibeen kun hangam yaaddessaa akka ta'u akka murteessu ibsu.

"Dhukkuboonni biyyoota baayyee waliin gahan yeroo hedduu dhukkuboota salphaatti namarraa namatti darbanidha," kan jedhan Obbo Masfin sadarkaa olaanaan ammoo kanneen tuttuqqaan daddarban ta'uu eeraniiru.

Dhukkuboonni tuttuqqaadhaan daddarban carraa isaan saffisaan ittiin tatamsa'an gadi aanaadha. "Sana jechuun ammoo biyyaa gara biyyaatti hin daddarban jechuu miti."

Asirratti maareen-jaldeessaa tuttuqqaatiin akka darbu quba qabaadhaa.

Daarektarichi dhibeen kun hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti akka hin mul'atiin ibsaniiru. Itoophiyaatti seenaa keessattiyyu namni maaree-jaldeessaan qabamee galmaa'ee hin beeku.

Haata'u malee, namni kamiyyu biyyoota dhukkubni kun keessatti argame keessaa ka'u Maaree-jaldeessaa "salphaatti" qabatee gara Itoophiyaa seenuu akka danda'u dubbatu Obbo Masfin.

"Haalli Itoophiyaa biyyoota Afirikaa irraa gara Awurooppaatti, akkasumas Awurooppaa irraa ammoo gara biyyoota Afrikaatti tiraanziitiin hedduufi sochiin namootaa guddaan waan jiruuf [mul'achuudhaa] carraa guddaa qaba... Hanguma biyyoota birootiifis yaaddoo ta'u biyya keenyaafis yaaddoo waan ta'eef, nutis sochii taasisaa kan jirru biyya keenyaaf yaaddoodha jenneeti," jedhan.

Dhukkubni kun akka biyya hin seenneef maal gochaa jirtu? Yoo gale ammoo hangam qophii qabdu? Gaaffileen jedhan Obbo Masifiiniin BBCn gaafatee, "hanga danda'ame" akka biyya hin seenneef hojjechaa jirra jechuun deebii kennan.

Bowwuu mataafi ho'a qaamaa 35.5 digirii sentiigiredii ol ta'e mallattoo maaree-jaldeessaa keessatti hammatama. Ka'umsa kanaan, karrawwan idil-adunyaa biyyattii karaa lafaafi qilleensaan hojiin ho'a qaamaa safaruu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Namoonni ho'a qaamaa hanga barameen ol qaban gara wiirtuu kaayyoodhuma kanaaf qophaa'eetti geeffamanii qorannoowwan dabalataa akka irratti taasifamu kan kaasan itti-gaafatamaan kun, ogeessotaaf leenjiin kennamaafi "pirootookooliin deebii kennuu" qophaa'aa jira jedhaniiru.

Dhugaa hin godhiin malee osoo Itoophiyaa seenee hoo?

"Yoo seeneef jedhamee" galtee barbaachisan guuttachuufi dandeettii cimsachuuf wantonni raawwatamaa jiran akka jiran Obbo Masfin dubbataniiru.

Naannolee hunda keessatti garee dhukkuba kana to'atu hundeessuu, sirnoota namoota qabaman hordofuu dandeessisan cimsachuu, garee saffisaan deebii kennu ijaaruufi "dandeettii cimsachuurratti" akka hojjetan gara naannoleetti erguuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dabalatee michoota biroo waliin hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.

Qorannoo karaa ba'aafi galaa irratti taasifamuun hanga ammaatti maaree-jaldeessaa waliin walqabsiisee hanga ammaatti wanti yaaddessaa ta'e akka hin uumamiinis eeraniiru.

Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa?

Dhukkubni kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhaurraati.

Vaayirasii dhibee Maaree/Maaritee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata.

Vaayirasiin Maareen Jaldeessaa kun Maaree waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uun alatti dhukkubbiin isaa cimaa miti.

Dhibeen Maaree Jaldeessaa kun kanaan dura baadiyaa Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaa keessatti baayyinaan mul'ata ture. Keessattuu ammoo bakka bosonawwan gurguddaan (rainforest) itti argamanitti mudata.

Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha.

Namoonni lamaan UK keessatti dhibeen kun irratti argame Naajeeriyaa irraa warra deemanidha jedhameera. Kanaaf, vaayirasiin isaan irratti argame kun carraa vaayirasii Afrikaa Lixaa inni ta'uu malu bal'aadha jechuudha.

Vaayirasiin kun dhukkuba cimaatiif kan saaxilu miti.

Namoota vaayirasiin kun irratti mul'achuun mirkanaa'e waliin namoonni walitti dhufeenya qabaatanis hin hubatamne.

Namoonni kanaan dura gara biyya kamiittiyyu hin imaliin warra dhukkubsatan keessatti ni argamu.

Namoonni dhibaman kunneen erga vaayirsichi UK keessa tatamsa'een booda kan qabaman ta'u jedhamee tilmaamama.

Vaayirasii Maree

MADDA SUURAA,SCIENCE PHOTO LIBRARY

Ibsa waa'ee suuraa,

Vaayirasii Maree

Mallattoowwan isaa maalfaadha?

Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkubbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhidhiita'uufi wanta kamirrattiyyu fedhii dhabuutu irratti mul'ata.

Gubaan qaamaa yeroo irraa hir'isu ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee irreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.

Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha.

Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa hambiseellee darbuu danda'a.

Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.

Dhukkubichi akkamiin nama qabataa?

Namoonni dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufanii waltuttuquun jiraate carraan saaxilamuun ni jiraata.

Karaa gogaa keenya banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin ykn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama dhala namaatti ni seena.

Wal tutuquu yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis vaayirasiin kun ni daddarba.

Jaldeessota, antuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan vaayirasichi gara namaatti ni darba.

Vaayirasiin kun karaa uffataanis ykn uccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba.

Hangam yaaddessaadha?

Namoonni vaayirasichaan qabaman baayyeen dhukkuba hamaatiif hin saaxilaman.

Akkuma Maaree/maaritee torbeewwan muraasa keessatti bada. Haata'u malee, dhukkubni kun sadarkaa hamaa irras gahuu ni danda'a.

Afrikaa Lixaatti sababii dhukkuba kanaatiin namoonni du'an ni jiru. Nama vaayiresichaan qabame waliin saal-qunnamtii raawwachuu dabalatee wal tutuqqaa gosa kamiyyu jiraannaan carraa dhukkubni kun ittiin daddarbuu danda'u kan jiru yoo ta'u, dhiirota jaallattoota saala wal fakkaataa ta'an birattis carraan saaxilamuu mul'atera.

Vaayirasiin kun jalqaba kan mul'ate jaldeessa bakka eegumsaa keessa jiru irratti ture. Erga bara 1970 kaasee dhukkubni kun biyyoota Afrikaa 10 keessatti mul'ateera.

Bara 2003 Ameerikaa keessatti yeroo mul'ate, Afrikaan alatti argamuun isaa kan jalqaba ture. Sareen tokko bineensota gara biyya sanaa geeffamanirraa vaayirasichaan qabamtee ture dhukkubni kun kan ka'e.

Namoonni 81 vaayirasichaan qabamanii turanillee, namni du'e garuu hin turre.

Bara 2017 ammoo Naajeeriyaa keessatti vaayirasiin kun sadarkaa olaanaatiin tatamsa'uun namoonni 172 qabamuun isaanii ni yaadatama.

Dhukkubsattoonni harka dhibba keessaa 75 ta'an dhiirota umuriin isaanii waggaa 21 hanga 40 keessa jiran ture.

Wallaansa qabaa?

Maree/Maaritee Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu. Haata'u malee garuu tatamsa'ina isaa to'achuun ni danda'ama.

Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu'a qabeessa ta'ee argameera.

Dhaabbata Nageenya Fayyaa Yunaayitid Kingidam keessa kan hojjetan Piroofeesar Jonaataan Baal akka jedhanitti, namoota 50 nama jalqaba biyyattii keessatti vaayirasiin kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qaban keessaa namni tokko qofti vaayrasichaan qabamuun isaa, saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uu isaa agarsiisa.

Post a Comment

0 Comments