Ticker

6/recent/ticker-posts

Konkolaataan Nasa 'Perseverance' erga Maarsiirra qubatte booda 'haala gaariirra' jirti

Konkolaataan Nasa Perseverance jedhamu ergama Maars irratti itti kennameef bakka baayyee murteessaarra gahee jira. Konkolaataan roobootii fakkaatu miila/gommaa ja'a qabu kun bakka kanaan dura qubate holqa durii keessaa gogeessa/delta qabatee Kibxata ol bahuu eegala. Holqicha keessaa yeroo ol bahuttis, darbee darbee dhaabbachuudhaan kattaawwan kanan dura lubbu-qabeessi pilaaneta kanarra akka jirateeru agarsiisuu malu jedhamaniif ragaa irraa argamuu mala jedhaman qorataa deema. Perseverance yeroo deebiyutti kattaawwan kanneen irraa saamudawwan sassaabuun ergama isaan booda dhufuuf gogeessa holqichaa keessa ol kaa'a. Galmi isaa ammoo wanta kana qorannoo gadi fageenyaatiif bara 2030 keessa gara Dacheetti fiduufidha. "Gogeessii Holqa Jezero jedhmau keessatti argamu bakka lubbu-qabeeyyii hawaa Perseverance xiyyeeffannaa guddaan hordofudha," jetti itti-aantuun pirojektii kanaa Dr Katii Istaark Morgaan. "Kattawwaan mallattoowwan kanaan dura akka lubbu-qabeeyyiin irra jiraataa turan ni mul'isu jennee yaadnu jiru," jechuun BBC News'tti dubbatte. Konkolaataan Nasa 'Perseverance' Maarsii gubbaa qubatte NASAn helikooptara jalqabaa Maarsiirra balaliisuufi Konkolaataan kun bara darbe Guraandhala 18 ture Holqa Jezero jedhamu kiiloomeetira 45 ballatuufi Maars walakkaatti argamu keessa kan qubate. Erga qubaterraa kaasee meeshaaleefi miyawwan isaa qorachaa, helikooptarawwan ibbicuu qorannoodhaaf balaliisisaa, akkasumas waan naannawaan isaa fakkaatu ilaalchisuun odeeffannoo walitti qabachaa tureera. Kaayyoon roobootii kanaa gara bonqosa Pilaanetii Diimaa kanaatti deemuu inni guddaan kuufama/dalalii guddaa gama lixa Jezero irratti argamu qorachuufidha. Delta ykn gogeessi biyyoofi cirracha bisaashaan/lolaan yeroo lagatti dabalamutti dhiibamee kuufame keessatti uumamudha. Dhimma Jezero ilaalchisuun, qaamni bishaan guddaan ture jedhamu haroo holqa keessa waggaa biliyoonotaan dura ture akka ta'etti yaadama. Hirree roobootii Akkaataa konkolaataan Mars kun itti holqicha keessaa ol baatu qorannoo irratti kan hudaa'eefi bakki ejjetu ilaalameeti. Perseverance yeroo bahutti kattaa ragaa barbaadame ni qabaata jedhamee shakkamuufi hawatu ilaaluun isarra dhaabbatee qotee saamuda fudhataa deema. "Konkolaataan Matrs kun meeshaalee ajaa'ibaa waa'ee kemistirii, albuudawwan jiraniifi caaseffama delta/gogeessichaa yeroo deebiyuttis dalaliiwwan kuufamanii jiran hunda qorachuun waan hedduu nutti hima," jedhu saayintistiin ergamichaaPiroof. Biriyoonii Horgaan Yunivarsiitii Purdee irraa. "Waa'e kemistirii haroo durii kanaa, bishaan isaa aciidii ykn giddu-galeessa ta'uu isaa yookaan ammoo bakka jiraachuun danda'amu akka tureefi lubbu qqabeenyyii akkamii akka achi jiraatan akka dandeessisus ni barra." Ifa gochuudhaaf, jireenyi lubbu-qabeeyyii Maars irratti jalqabuu isaallee namni beeku hin jiru, garuu kattaawwan sadii ykn afur ta'an kan Perseverance yeroo gara holqa irraa ka'eetti deebiyutti qotee irraa saamuda fudhachuuf kana kan nutti himu ta'a. haroo Jezero MADDA SUURAA,NASA/JPL-CALTECH Lubbu qabeeyyii Maars irra jiraataa turuu ilaalchisuun dhuqaa bira gahuudhaaf odeeffannoo kattaawwan irraa konkolaataan kun walitti qabattee deebitu laaboraatoorii guutessa ta'e keessatti sirriitti qorachuun feesisa. Perseverance qorannoof kan ta'u kattaawwan qotuu irraa walitti qabatee dhuma bara kanaa gara dirra holqochaatti deebisa jedhamee eegama. NASAn, Ejensii Hawwaa Awurooppaa waliin ta'uudhaan, ergama garas deemuudhaan ragaawwan walitti kuufaman kanneen qurmeessee qorachuudhaaf karoora cimaa baafachuun sadarkaa gaariirra jira. Carraaqqiin kunneen, rookeetii Maars, akkasumas xiyyaar-samii dabalatee dhuma saddeeta kanaatti jalqabama jedhamee eegama. Perseverance waggoota itti aanan keessas hojii waa danuuti isa eeggata. Ragaa kattaa irraa walitti qabate kan jalqabaa erga geessee deebiyees, gara Hawksbill Gap'tti deebiyee ol ba'uuf jira. Kana kan godhuuf ammoo fiixaa delta/gogeessaa sanaafi isaa ol deemuudhaan kattaawwan qarqara haroo Jezero'tti uumaman jedhamanii yaadaman bira ga'uuf yaala. Konkolaataan haarayaa dachii Maars geesseetti. Ejansiin hawaa Ameerikaa konkolaataa (rover) maqaa Perseverance jedhamu kennameef kana bara darbe ture milkaa'inaan Maarsiirra qubachiise. Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte.

Post a Comment

0 Comments