Hongeen waggaa afurtama keessatti hamaadha jedhameefi biyyoota Gaanfa Afrikaa hube Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Kibba Itoophiyaa argamullee yaaddeessee ture. Hongeen cimaa Godina Booranaa mudate beeyladoota fi qabeenya uumamaa irratti miidhaa qaqqabsiisee jira. Hongee kanaan horiin kuma dhibbaan lakkaa'aman du'uu ibsameera. Roobni dhiyeenya roobes jireenya bineensota bosonaa Paarkii Biyyaalessaa Booranaa dhabamuu bishaan fi nyaataatin miidhamaa turanitti lubbuu hore. "Roobni roobee, margis margitee, lafti guutuun abaaboo taatee bineensi walitti dacha'e" jechuun hogganaan Iskaawutii Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Okkotu Diidaa dubbatu. "Guchii, harree diidaa fi saalaan walitti dacha'ee fulaa tokkotti ilaalle jennaan gammachuu hagana hin jenne keessa seenne,'' jedhan. "Hongee baay'ee ulfaataa…" "Hongeen naannoo kana mudate baay'ee ulfaataadha" kan jedhan itti gaaftamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nugusee Waataa, sababa hongeen bineensotni bosonaa paarkichaa kan du'an akka jiran himu. Bineensonni Paarkii biyyaalessaa Booranaa bonni itti jabaate haala akkamiirra jiru? Hongee Oromiyaa mudateen miidhaa hangamiitu namaafi beeyladarra dhaqqabe? Waayyuu Guutoo - simbira Booranatti qofaa argamtu beektuu? "Akkuma rakkoon loon, beeylada fi namarratti qaqqabe rakkoon qabeenya uumamaarratti qaqqabes waan safaramuu miti" jedhan. "Keessattuu harree diidoo kan Saaritee keessa turterrattillee yoo xiqqaate afur du'aniiru. Erga roobni roobee boodammoo kan qaama hir'atanis lama akka du'an ragaa qabna" jechuun dubbatan. Goljaan yookiin waraabessi lakkoofsaan kudhanii ol ta'anis sababa bonaatin du'uu isaanii itti gaafatamaan paarkichaa himu. Miidhaan qabeenya uumamaa paarkicha keessa jirurratti qaqqabe kan hin qoratamne ta'uufii qoratamee adda bahu akka qabus himu. Yeroo bonni dheerate kanatti mootummaan federaalaafi naannoo bishaan kuusuufi margallee dhiheessaa turani. Obbo Nuguseen "bineensa bosonaa kana guutumaan guututti rakkoo keessaa baasuu dhadhabnullee hanga tokko akka inni turu taasifneerra" jedhan deeggarsa taasifamaa tureen. Taatullee ammas yaaddoon akka jiru himu. Rakkoon bishaanii paarkichaaf rakkoolee isaan ijoo keessaa tokko akka ta'e himama. "Bishaan bineensota bosonaaf qofaatti bahuu danda'uu qaba. Ijaarsawwan bishaanii jalqabamanii harkifatantu jiru. Rakkoo bishaaniitti aansee rakkoon dheedumsaas jira. ''Margi bifa namaafii bineensa bosonaa fayyaduun irratti mari'atamee magariisummaan isaa itti fufiinsa qabaachuu qaba" jedhan itti gaafatamaan paarkichaa Obbo Nugusee Waataa. Kana malees paarkichi daangeffamee qabeenyi uumamaas kan duraaniirra yaa dabalu malee gama misoomaatin hojiin hojjetame xiqqaa ta'uu dubbatu. Itoophiyatti bineensota bosonaa shan sodaa baduurra jiran Paarkicha keessa daandiin hojjetamu dhabuun hojjetootni paarkichaa iddoodhaa iddootti socho'anii hojjechuuf rakkachuu himaniiru. "Misoomni, wanti isaaf barbaachisu, itti fayyadamummaan ummataa wanti dabale tokkollee hin jiru" jechuun himu. Komii hojjettootaa… Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa ammatti bilookiiwwan shan kan qabu yemmuu ta'u lakkoofsi hojjettoota Iskaawutii (scout) bal'ina paarkichaa kan wal hin gitne ta'uu hojjettootni paarkichaa himu. Kanas "Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa paarkiiwwan shan ta'uu danda'a" jechuun itti gaafatamaan paarkichaa Obbo Nugusee Waataa ni ibsu. Hogganaan Iskaawutii Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Okkotu Diidaas lakkoofsi Isakaawutii paarkichi qabu namoota 26 ta'uufii bal'ina paarkichaa waliin kan wal hin gitne ta'uu dubbatan. ''Meeshaa iskaawutiin ittiin sochootu tokkollee hin qabnu. Meeshaa qawwee hin qabnu, dukkaana keessa bulan hin qabnu, konkolaataa ittiin sochoonus hin qabnu" jechuunis rakkoolee isaanii himatan. Paarkichatti ogeessa kan ta'an Obbo Godaanaa Saffaroos dukkaanni keessa bulan ciccitaa ta'uu isaatin bineensota namarratti miidhaa qaqqabsiisan kan akka bofaa fi butiif saaxilamaa jiraachuu dubbatan. Jeedalli diimtuu Gaarreen Baalee maalirra jiru? "Anuu amma yeroo sadi natti seenee jira. Butiin dukkaana keessa natti seentee jirti. Kana malees bofa diimaa kan jedhaniin al tokko yoo sidhahe achumaan nama ijjeessutu naannoo sana jira" jedhan. Xiqqaachuun mindaa iskaawutootaa rakkoo boordii paarkichaaf dhiyaachaa ture ta'uusaa kan himan obbo Nuguseen, rakkoolee hojjettootni paarkichaa kaasan kan hoggansi paarkichaa beekuufii itti amanan ta'uu dubbatu. Waa'ee Paarkii Biyyaalessaa Booranaa… Paarkichi kana dura Dawoo Bineensotaa Yaabal'oo (Yabelo Wildelife Sanctuary) ture. Eegasii bara 2005 Paarkiin Biyyaalessaa Boorana ta'un hundaa'e. Yeroo ammaatti lafa Iskuweer Kilomeetira 3,741.7 kan uwwisu yemmuu ta'u gosoota simbirroo fi hoosiftoota garagaraa of keessatti qabatee argama. Gosoota simbirroo 286 ol paarkichi qabu keessaa gosti simbirroo afur godina Booranaa keessatti qofa kan argamanidha. Leenca, satawwaa, arbafi harree diidaa (gosa lama) dabalatee bineensotni hoosiftootni gosti 46 ol paarkicha keessatti argamu.