Ticker

6/recent/ticker-posts

Pirimiyeer Liigii Ingilizii: Maanchistar Siitiin falmee waancaa liigichaa fudhannaan, Liivarpuul kan caaluuf xiiqii horate

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa gareen isaanii Waancaa Pirimiyeer Liigii fudhatan ''gootota'' jechuun jajan.

Maanchistar Siitiin waggoota shan keessatti yeroo afraffaaf waancaa kana fudhachuu isaati.

Taphoonni guyyaa xumuraa Pirimiyeer Liigichaa ajaa'iba turan. Siitin durfamaa turuun isaa, Liivarpuul injifatamuu Siitii eegaa turuun isaa hawwataa taasiseera.

Leenjisaan Liivarpuul kan qabxii tokkoof jedhanii waancicha dhaban xiiqii nutti horeera jedhaniiru.

Warri Liivarpuul Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa dhuunfachuuf Sambata dhufu Riyaal Maadiriid morkatu.

Dirree ofiitti Astoon Viilaa kan keessummeesse Siitiin duubaa ka'un 3fi 2'n injifachuun qabxii tokkoon Liivarpuul caalee waancicha fudhate.

Waancaan kuni erga Gaardiyoolaan gara Ingilaand dhufee waggoota jaha keessatti waancaa 11ffaa isaati.

''Nuyi gootota. Bara baraan yaadatamna. Taphattoonni kilabichaa yoomuu yaadatamu,'' jedhan Gaardiyoolaan.

''Wanti arganne, milkeessuuf wanta cimaa turedha. Leenjisaan Yunaayitiid duraanii irra deddeebbiin si'a lamaafi sadii milkeessaniiru. Amma nutis kana raawwanne,'' jedhan.

Tapha guyyaa kaleessaarratti Liivarpuul waancicha fudhachuuf mo'amuu yookiin qixa bahuu Maan Siitii eega ture.

Siitiinis hamma daqiiqaa 75 jechuunis taphi xumuramuu daqiiqaan 15 hafutti Astoon Viilaadhaan 2fi 0'n durfamaa turame. Garuu daqiiqaa shan keessatti sadii galche.

Jijjiirame kan seene Ikaay Gundohaanitu seenee dalage - lama galche. Rodriin galchii biraa waan galcheef Siitiin injifannootti deebi'e.

Anfiilditti Woolvis waliin kan taphataa ture Liivarpuul immoo hanga daqiiqaa 83'tti galchii tokkoofi tokkoon qixa ture.

Peep Gaardiyoolaafi Joon Istoons gammachuu isaanii yeroo ibsan

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Daqiiqaa 84 irratti Saalah, 89 irrattimmoo Roobartisan galchanii 3fi 1'n injifate. Taatullee waancaa ol kaasuuf isa hin dandeessisu ture.

Osoo Siitiin mo'amee jiraate Liivarpuul shaampiyoonaa ta'a ture.

''Taphni xumuraa yeroo hundaa addadha - miiraan kan guutamedha,'' jedhan Gaardiyoolaan. ''Astoon Viilaan baay'ee yaale taatullee galchiin duraa hunda jijjiirte. To'achuu qabna turre.

''Biyya kana keessatti Pirimiyeer Liigii waggoota shan keessatti si'a afur injifatte jechuun taphattoonni kuni adda ta'u isaanii agarsiisa.

''Boru daandii Maanchistar irratti biiraafi tamboo keenya qabannee gammachuu keenya ibsina. Hin yaadda'in tamboo kiyya anumatu fidee dhufa,'' jedhe Peep.

Waggoota muraasa darban kana Siitiifi Liivarpuul guddoo wal morkataniiru.

''Hammi milkaa'ina keenyaa hamma cimina morkataa keenyaan qixxaata. Ani umrii koo keessa akka garee Liivarpuul argee hin beeku,' jechuun Gaardiyoolaan himan.

''Liivarpuuliin baga gammaddan jechuun barbaada - Torbanuma torbaniin akka cimnu nu gargaaran,'' jechuun ibsan.

''Amma yeroon yeroo gammachuuti. Ammas deebinee Shaampiyoonaa taaneerra.''

'Xiiqii nu qabsiise' - Liivarpuul

Liivarpuul bara dorgommii xumurame kana keessa garaagartee qabxii Siitiin caalamee ture dhiphisee tokkotti galcheera.

Kaleessa tapha Woolvis dura akka waan waancaa fudhatanitti mirkaneessanii naannoo dirree Anfiilditti gammachuutu ture.

Barri dorgommii baranaa Liivarpuuliif addadha. Waancaa Kaaraabaawoofi Waancaa FA fudhataniiru.

''Taphattoonnikoo barana akka ajaa'ibaa taphatan,'' jechuun Kiloopp dubbatan. ''Imalli bara dorgommii 2021-22 waan addaati.

''Shaampiyoonaa waan taataniif Maanchistar Siitiifi Peep Gaardiyoolaa, hojjetoota hundaafi taphattootaan baga gamaddaniin jedha. Itti dhihaannee turre, garuu xiqqoo hanqanne,'' jedhan.

Moo Saalah bara dorgommii baranaa galchii 23 galche. Wolviis irratti galchii tokko isatu galche

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Moo Saalah bara dorgommii baranaa galchii 23 galche. Wolviis irratti galchii tokko isatu galche

Leenisaan kilabichaa Yargan Kiloopp barana waancaa afur gara Anfiilditti fidna jedhanii turan. Garuu, hin taane. Carraan sadaffaa garuu harka isaanii jira.

Gaafa Sambataa Riyaal Maadiriid waliin Paarisitti Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaaf taphatu.

Erga waancaa afur argachuun milkaa'uu dhabee, sadii ol kaasuuf warri Liivarpuul carraa qabu.

Waancaa liigichaa Siitiidhaan duraa fudhatame kan Awurooppaa injifachuun Kiloopp taphattoota isaanii kiisuu barbaadu.

''Hamma dandeenye hunda ni yaalla,'' jedhan.

''Har'a liigicha dhabuun Sambata dhufu hawwii injifachuu keenya dabaleera,'' jedhan.

Kaan akkam ta'an?

Taphni torban 38ffaa Pirimiyeer Liigii Ingiliziin abbaan Chaampiyeens Liigii hirmaatuufi kaan baramaniiru.

Guyyaa kaleessaa Arsenaal 5fi 1'n Evartan yoo injifatu, Tootanhaam immoo dirreen ala Noorwich 5fi 0'n mo'ate.

Liigicha Siitiin waan duraa fudhateef Waancaa Chaampiyeens Liigiirratti aanuuf xiiqii nutti naqeera jechuun Kiloopp dubbatani

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Liigicha Siitiin waan duraa fudhateef Waancaa Chaampiyeens Liigiirratti aanuuf xiiqii nutti naqeera jechuun Kiloopp dubbatani

Kanaanis Tootanhaam Chelsii, Liivarpuuliifi Maanchistar Siitii waliin ta'un ramaddii Waancaa Chaampiyeens Liigii gubbaa akka hirmaatu mirkaneesse.

Arsenaaliifi kalee Paalaasiin 1fi0 kan mo'ame garuu West Haam waan injifatameef kan baraarame Yunaayitid immoo Yurooppaa Liig gubbaa taphatu.

Sadarkaa torbaffaan kan xumure West Haam immoo Liigii Konfiransiirratti hirmaata.

Niiw Kaasil dhaqee 2fi 1'n kan mo'ame Barnileey immoo liigii gad aanutti bu'uu mirkaneeffate. Isaan ala Waatford fi Noorwich dursanii bu'uu mirkaneeffataniiru.

Bara dorgommii baranaa galchii hedduu galchuun immoo taphataan Liivarpuul Moo Saalahiifi kan Totanhaam San Huung-Min galchiiwwan 23 galchuun kophee warqii qooddataniiru. 

Post a Comment

0 Comments