Ticker

6/recent/ticker-posts

Aannan Loonii.

Aannan Loonii.
■ Qabiyyeen kaalsiyeemii (calcium) inni of keessaa qabu, nyaata kamiinuu waan hin dorgomamnedha. Calciumiin ammoo waan lafeen ittiin ijaaramudha. ■ Pirootiina (protein) inni of keessaa qabu faayidaa ol'aanaa kan qabudha, qaama ijaara, madda annisaa annisaa cimaadhas. ■ Akka annisaa kennuu fi qaama namaa ijaaruun, ulfatina qaamaa garuu akka maddeen pirootina biroo garmalee hin dabalu. ■ Elementootaa fi Vaayitaaminoota nu barbaachisan armaan gadii of keessa qab: Aannan Loonii Burcuqqoo (cup) tokkichi (244 gm): ♡Annisaa: 146 kcal ♡Pirootiinii: 8 gm ♡Cooma: 8 gm ♡Kaalsiyemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 28%. ♡Vaayitamin D: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 24%. ♡Vaayitamin B2: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 26%. ♡Vaayitamin B12: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 18%. ♡Elemntii Pootassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 10%. ♡Elementii Pootaassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 22%. ♡Elementii Seleniyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 13% of keessaa qaba. ************ HUB: Aannan loonii yoo dhugnu, kallattumaan yoo dhugne dhukkuboonni tokko tokko nutti darbuu malu. Kanaaf haga dandeenye danfisnee dhuguu qabba. #nutrition

Post a Comment

0 Comments