Imalli keenya har’aa gara afrikaati. Naannoo Baha Afrikaafii naannoo biyyoota kibba Afrikaa dhaynee uumama hamaa tokko waliin daawwanna. Uumamni kun lubbuu namoota hedduu galaafatee jira. Akka qorannoon ibsutti, uumamni kun woggaa woggaan namoota 20,000 ol galaafachutti jira jedhamee tilmaamama. Uumamni kun Black Mamba ykn Maambaa gurraacha jedhama. Bineensi kun sanyii bofaa yoo tahu, sanyiilee bofaa summii hamaa qaban keessaallee isa tokko. Namni bofa kanaan hiddame yeroo gabaabaa keessatti qaamni isaa laamshayee du’uu dandaha. Summiin isaa kun dawaa qabaatus, dawaan isaa akkaan qaaliidha. Sababaa kanaaf lammiileen Afrikaa kan harka qalleeyyii tahan summii bofa kanaatiin dhumutti jiru. Namni bofa kanaan iddame daqiiqaa 30 keessatti wal’aansa argachuu qaba
Summiin bofa kanaa akkaan hamaadha. Summiin kun cophni lamaa qofti nama san ajjeesuu danda’a. Namni bofa kanaan hiddame saffisaan dawaa argachuu qaba. Haa ta’u malee bofni kun wayta nama hiddu, summiin isaa sun yeroo sanitti namatti dhagahamuu dhabuu danda’a. Garuu, osoo namatti hin beekkamin summiin sun qaama namaa keessa faca’ee, sirna narvii fi Sirna Onneerratti miidhaa guddaa geessa. Namni bofa kanaan hiddame daqiiqaa 30 keessatti dawaa argachuu qaba. Daqiiqaa 30 keessatti dawaa yoo hin argannee, qaamni isaa laamshayee yeroo gabaabaa keessatti du’uu danda’a. Rabbiin bineensa hamaa kana nurraa haaqabu.
Nuuralhudaa